Bosonaa Gara UNtti: Adeemsa TPLF Waggaa 26

(Lammii Beenyaa tiin)

Jalbultii kufaatii Dargiitti TPLF tarsiimoo qabsoo leellistummaa warraaqsa Albaaniyaa gara Ayidoolojii sirna Gabaa Bilisaatti jijjiiran. Jijjiirama watwaataa akkasii keessa seenuuf sababa kan ta’eef, sabboonummaa Tigirummaa qofaan Tigiraay biyya qabeenya uumamaan hongooftee fi ummanni hiyyummaan keessatti dararamu bulchuu qofaan akka sabaatti jiraachuun akka isaan rakkisu waan hubataniifi. Kanaaf, sabboonummaa Tigirummaa bobaa jala dhokfatanii gogaa Itoophiyummaa uffatanii as bahan. Jaarmaa saba Amaaraa yeroo sanitti Sochii Dimokiraatawaa Ummatoota Itoophiyaa jedhamu waliin hariiroo jaallummaa tolfatanii booji’amtoota waraanaa kan dhiigaan Oromoo ta’an Shaabiyaa irraa fudhachuun OPDO bixxilan. Bixxilamuun OPDO karoora fi abjuu isaan qabeenya Oromiyaa to’achuuf qaban irraa kan ka’edha. Haaluma kanaan jaarmaa Sochii Dimokiraatawaa Ummattoota Kibbaa jedhamu bixxilanii guutummaatti gogaa Itoophiyummaa uffachuuf yaalan. Haaluma kanaan Jaarmaa ADUI jala dhokatan.
Kufaatii Dargii booda sochiin isaanii jalqabaa Jaarmaa ummata Oromoo ABOtti duuluu fi qe’ee Oromoorraa fageessuu ture. Hariiroo cimaa Shaabiyaa waliin tolfatanii fi deggersa akkan jabaa mootummaa USA fi UK irraa argataniin ABO rukutanii Oromiyaa guutummaatti dhuunfatan. Yeruma sanatti warshaalee Oromiyaa keessatti hojii eegale dabalatee qabeenya dhaabbataa biyyattiin qabdu hunda buqqisanii gara Tigiraay geessuun dhaabbata adda addaa hundeessan. Dhaabbata kanaan dhoksaatti ilmaan Tigiraay barnoota qabaniif leenjii ijaarsa dandeettii kennuu itti fufan.
Olaantummaa Mallas Zeenaawwii jalatti wiirtuu ijoo siyaasaa, waraanaa, tika, dinagdee, hariiroo alaa, kanneen adda addaa ilmaan Tigiraayiin guutan. Kanas tarsiimoo siyaasa isaanii hanga ammaatti addunyaan dhimma itti hin bahiin kan Warraaqsa Dimokiraasii jedhamuun ummata biyyattii joonjessanii, dhiitanii, cunqursaa hamaaf saaxilan.
Tarsiimoo siyaasaa Warraaqsa Dinagdee jedhamuun Mallas Zeenaawwii biyyoota akka USA fi EU gowwoomsate. Arraba tolee waan isaan jedhan mara ergamuufiin deggersa irraa gonfate. Biyyattii keessatti afaan guutee sirna Gabaa Walabaa (White Capitalism) jedhaa kan ture labse. Maqaa nageenyaan waraana kumoota heddu arjoomee Burundii fi Laayibeeriyaatti erge. Haala kanaanis UN keessatti teessuma argachuu jalqabe. Rakkoo biyyoota Afriikaa mara keessatti utuu hin waamamiin argamuu eegale. Yeroo walfakkaataa keessatti ilmaan Tigiraay leenjii ijaarsa dandeetti gonfatanii fi biyyoota adda addaa keessatti baratan imbaasii fi jaarmaa idil-addunyaa keessatti akka qacaraman taasisan. Carraa hojii fi barnootaa biyyattiin addunyaa biraa argattu karaa tika isaanii dursanii bira gahuun ilmaan Tigiraay qofti akka itti fayyadaman taasisan.
Haleellaa Alqaayidaan bara 2001 USA irratti raawwateen booda duula idil-addunyaa Shorokeessummaa irratti taasifame Mallas Zeenaawwii Joorji Buush jala hiriiree qondaala nageenyaa Gaanfa Afriikaa ta’ee muudame. Utuu oolee hin buliin biyya ollaa ofiifuu sirnaa fi mootummaa hinqabne Sumaaliyaatti duulee caalaattuu nageenya gaanfichaa booresse. Deggersa kanaanis Doolaara Biiliyoona heddu argate. Qarshiin bifa kanaan argamu irra caalaan isaa ilmaan Tigiree ittiin leenjisuu fi karoora isaanii fuulduraa ittiin dhugoomsuuf oole. Gaanfa Afriikaatti jaarmaa IGAD jedhamu bixxilee olaantummaa gaanficha irratti fudhate. Biyyoota Afriikaa rakkoo siyaasaa fi dinagdee walxaxaa qaban irrattis olaantummaa gonfatee bakka bu’aa isaanii godhee of muude.
Gama biraatiin, teessoo Gamtaa Afriikaa magaalaa Finfinneetti ugguruun gamoo guddaa ijaarsisee bu’aa siyaasaa fi dinagdee achirraa argamu hundatti dhimma bahuu yaalan. Ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatota biyyoota kanaa qarshii fi faayidaa adda addaan yeroo dheeraaf bitaa turan. Bakka bu’oonni biyyoota kanaa waltajjii addunyaa mara ilmaan Tigireef dhiisan. Haaluma kanaan Itoophiyaan Marii nuffisiisaa faalama qilleensaa Koppeenhaagenitti eegalamee hanga ammaatti itti fufe hunda Afriikaa bakkaa bakka buute. Olaantummaa dippiloomaasii akkasii gonfachuun kara mootummoota aango qabeenyii kan G8 fi G20 jedhamuun beekamu irratti itti fufiinsaa affeeramuun dhufe. Carraa biyyoonni Afriikaa hin arganne kana Afriikaa Kibbaatti aansitee Itoophiyaa qofatu argate. Kora akkasii kanarratti aangoo murtii dabarsuu haa dhabdu iyyuu malee siyaasaa Tigireef iddoo olaanaa akka qabu mamuun hin barbaachisu. Mallas Zeenaawwii Afriikaanota irraa deggersa argachuuf falmii Niwoo-koloniyaalizim jedhamu eegale. Gama tokkoon warra adii qeequuf marxifatee osoo ergamuu Afrikaanota irraa ammoo deggersa argachuuf carraaqe. Carraaqqii kanaanis biyyoota ilaalcha Paan-Afriikaanizim qaban irraa deggersa cimaa argachuun isaa hin oolle. Bakka waamamtettis ta’e hin waamamnetti argamuun Itoophiyaa kun fi adeemsa keessa dhageettii argachuun kun Afriikaanota sirna kolonii irraa hanga har’aatti hin bayyaannannee fi biyyoota Kaaribiyaan biratti fudhatama isa argachiiseera.
Haata’uutii, Tigiroonni biyyota Eeshiyaa fi giddugaleessa bahaas mufachiisuu hin barbaanne. Kanaaf ammo hariiroo isaan Chaayinaa, Hindii, Esraa’el fi biyyoota Arabaa waliin tolfatan marti ragaadha. Yeroo dhihootii as Chaayinaa gammachiisanii irraa fayyadamuuf tarsiimoo siyaasa isaanii sirna Gabaa Bilisaa irraa gara Dimokiraasii Guddinaa (Developmental Democracy)tti akka jijjiiran beekamaadha. Itoophiyaan gara Chaayinaatti rigachuu fi boolla tokkotti fincaa’uu eegaluun hirkattummaa USA irraa walaboomuu ishee mul’isa jechuun abdatamee ture. Garuu dhugaan jiru, hariiroon USA fi Itoophiyaa cimee itti fufe. Bara 2015 yeroo jalqabaaf pirezedaantiin Ameerikaa tokko Itoophiyaa daawwate. Baarak Obaamaan sirni TPLF dimokiraatawaa ta’uu ifatti lallabe. Kunis dhimma mirga ummataa caalaa dhimmi nageenyaa bakka olaanaa qabaachuu irraa kan ka’e nutti himan. Wagguma kana keessa Itoophiyaan biyyota kudha Shan UN Security Council keessatti biyya jijjiiramaa taatee filatamte. USAn waajjira olaanaa US-African Military Command Finfinneetti banatte.
Har’a ilmaan Tigiraay biyyoota adda addaa keessatti barataa turan tika olaanaa biyyattii ta’uun olaantummaan TPLF akka itti fufuuf waan danda’ameef hunda dalagaati jiru. Biyya Chaayinaa keessatti dallaalonni daldalaa (Business Agents) kaampaanota Tigireeti. Ejentoonni kun meeshaa biyyattii seenuu fi bahu hunda (Import-Export goods) olaantummaan to’atu. Karaa kamiinuu carraa biyyattiin qabdu mara ilmaan isaanii fayyadamaa goosisuu irratti hojjetu. Hirmaannaa akkasii caalaatti cimsuuf dhalattoonni Tigiraay maqaa ummata Ertiraatiin biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaa keessatti yeroo dheeraaf hirkattummaa siyaasaa argataa turan.
Dhiheenya kana Teediroos Adhaanom Daarikteera Olaanaa WHO fayyaa ta’ee filamuun akeeka Tigirootaa galmaan gahe. Waltajjii kanatti filamuuf Tigiroonni waggaa 26 dabran halkaniifi guyyaa hojjetaniiru. Ilaalcha siyaasaa fi faayidaa biraan osoo wal hin qoodiin duula kana injifannoon xumuran. Paartiin Areenaa Tigiraay jedhamuu fi waggaa dheeraa faallaa TPLF hiriire illee osoo hin hafiin Teediroos Adhaanom deggeranii injifannoon galan. Sechis taanaan injifannoo akkasii akka sabaatti galmeessisuuf waan rafan hin fakkaatan.
Maal Irraa Baranna?
Tigiroonni siyaasa kashalabbummaa fi xawalwaallummaa karooraan irri deeman. Karoorri waggaa dheeraa akkasii kun qorannoo fi hordoffii addaan kan irratti hojjetame malee halkan tokkotti kan dhufe miti. UN keessatti qondaala beekamaa tokko ta’anii hiree ummata addunyaa irratti murteessuu argachuu isaaniif waan hundaan ifaajaniiru. Biyyoota humna qabaniif gugguufanii ergaman, isaan kaan maallaqaan bitatan, garii arraba tolanii gowwoomsan. Kanas ta’e sanas karoorri isaanii galma gaheeraaf. Hunda caalaa ammoo olaantummaa Tigireef irree jabaa ijaarratan – Tokkummaa Tigirummaa. Tokkummaan Tigirummaa har’a mul’atte kun kan kaleessa gaafa deggersa warraaqsa Albaaniyaa dhiisan bobaa jalatti deebfatan gadi baasanidha. Akka sabaatti dhimma akkasiirratti waliigalteerra gahuufi waggaa dheeraa booda milkoomuun akkasii waan baratame miti. Kanarraa Oromoo waa barachuu qaba.
Har’as Oromoo kaayyoo jabaa fi akeeka waggaa dheeraa booda itti milkoomuuf hiriiruu qaba. Oromoo yoo wal ijaaree fi akka sabaatti jaarmome humna guddaa Afriikaa mitii addunyaarratti injifannoo gurguddaa galmeessisuu danda’u akka ta’e hubatamuun irratti hojjechuu feesisa. Garaagarummaan siyaasaa akka jirutti ta’ee aadaan biyya keenya waliin bilisoomsuuf waliin hojjechuu nu keessatti dagaaguu qaba. Sabboonummaa Oromummaa qofarratti waliigaluun Oromoof baay’ee murteessaadha. Akka sabaatti waliin injifachuu fi yoo kufnes akka sabaatti gaafatamummaa fudhachuu danda’uu qabna. Aadaan injifannoo argamtu wal saamuu, kufaatii dhuftu walitti maxxansuu fi murna murnaan wal qooduu Oromoo akka sabaatti akka laga hin ceesifne hubatamuu qaba. Qoodamuu fi goolamuu mooraa qabsoo Oromoof hundumti keenya akka sabaatti itti gaafatamummaa fudhachuu, sechis falmii mirgaa fi bilisummaa adeemsifnu kamuu keessatti akka sabaatti ijaaramuu sadarkaa sabaatti yaaduu jabaachuu qaba. Naamusni akeeka waloof bitamuu, kaayyoo biyyaaf cichoomuu fi olaantummaa Oromoof wareegamuu baay’ee nu barbaachisa. Kun ta’uu hanqatee murna murnaan bixxilamaa, tokko kaan irratti ka’aa, wal dhiitaa , wal diigaa deemuun Oromoo akka cabsuu fi akka salphisu nama hin shakkisiisu. Haala kanaanis bilisummaa waaraa argamsiisuun hin danda’amu. Waliin haa kaanu, waliin haa duunu, waliin haa milkoofnu, yoo hanqanne waliin haa kufnu! Waliin! Waliin!