Waliigaltee Dadhabbii Malee Gatii Hin Qabne

Daandii R

Maaliif walii galteen Oromoo fi Habashaa gidduutti hin milkoofne? Kun gaaffii nama rakkisuu miti; waan hedduu akka yaadnu nu taasisuus miti. Garuu, yeroo hedduu wanuma salphaatu nama jalaa dhokata. Namooti hedduunis ganda Habashaa deemanii kan milkii dhabaniif waanti darbe waan isaan jalaa dhokateef ta’uu mala. Kana beekuuf immoo waan darbe hedduu yaadachuun gahaa dha. Keessayyuu, waanuma dhiyeenyatti agarruu fi dubbisnu yoo hubannee laalle waliigaltee Oromoo fi Habashaa gidduutti ta’u waan hin hojjanneef beekuu danda’u.

Namooti gariin garuu gaaffii kana yoo argan aaruu malu. Namoota waan kanatti hedduu aaran keessaa tokko miseensota ODF akka ta’an shakkii tokko illee hin qabaatu. Isaanis sababa itti aaran akka qaban nan hubadha. Sababni isaanii tarii waliigaltee dhiyeenya kana isaanii fi warra Habashaa leellisan gidduutti ta’ee akka milkaa’u waan abdataniif ta’uu mala. Kun immoo wan ardii keessa guutee jiruuf hedduu nama hin dhibu. Namuu waanti yaade akka milkaa’ uuf waan barbaaduuf , warri ODF yoo barruu kanatti mufatan nama hin raaju. Garuu, waanti tokoo ifaa dha; waliigalteen ODF fi warra Habashaa leellisan giduutti ta’e kun gontumaa hin hojjatu. Sababni isaas kunoo ti.

Oromoon rakkoo guddaa Habashaa irraa qaba. Seenaa irraa akka hubannutti, kan dursee Oromootti duule Habashaa ture. Oromoonis Habashoota isaanitti duulaa turan karaa hedduu ofirraa dhahee deebisaa ture. Oromoon ofirratti hirkatee diina ofirraa lolaa fi ittisaa ture. Hidhati Oromoon gara warra alaatti qabus hedduu jabaa hin turre. Kunimmoo, yeroo Habshoonni warra alaatti hidhatanii amantii fi siyaasaa alaa fudhachuun humna amantii, ijaarsaa, siyaasaa, fi waraanaa  argatan, Oromoon hiree kana akka dhabu ta’e. Sababab kanaan Oromoon hidhannoon caalamee bara 1900tti guutummaatti gabrummaa Habashaa jalatti kufe. Yeroo san irraa ka’ee rakkoon Oromoo deebii hin argatiin jira. Maddi rakkoo Oromoo immoo sirna Habashaa ta’ee jira. Haga sirni Habashaa kun lafa Oromoo irraa hin kaanetti, rakkoon Oromoos furmaata waarawaa argachuu hin danda’u. Warri Habashaa leellisan immoo waan kana fudhatanii akka furmaata argatutti hojjachaa hin jiran. Inumaayyuu, qaamoti kunneen Oromoon rakkoo isaa furachuuf muratee qabsootti jiraachuun yaaddoo guddaa isaanitti ta’ee jira. Kana biraan, Habashoonni qabsoo Oromoo kana maseensuufi deebisanii Oromoo hidhannoo hiikkachiisuuf karaa danda’an mara hojjachaa jiru. Ijaa kanaaf, waliigalteen ODF fi leellsitoota Habashaa kanneen sirna isaanii humnaan Oromoo fi lafa Oromoo irratti iajaarame tursuu barbaadan gidduutti taasifame milkaa’uu hin danda’u.

Gama biaatiin, ummati Oromoo nagaa fi bilisummaa dhabee jiraachuu hin danda’u. Akka amma argaa jirrutti, Oromoon nagaa fi bilisummaaf wareega guddaa baasa jira. Ummati Oromoo nagaa fi bilisummaa isaa deebifachuuf yeroo kamiyyuu caala kutatee of kennee jira. Saba akkanatti of kenne immoo waanti gaaffii isaa bu’uuraa hin deebifne qabsoo irraa dhaabuu hin danda’u; otuu ni danda’ama ta’ee, lubbuu isaa fi lubbuu ijoollee isaatii gara jabinaan qawwee dura dhaabee hin wareegu ture. Amma akka agarrutti, Oromoon waa hunda dura nagaa fi bilisummaa isaa wana mirkaneessutti of kennaa jira. Haalli amma karaa warra leellistoota Habashaa deemaa jiru immoo waan kanaan faallaa dha. Oromoo nagaa fi bilisummaa isaaf kutatee jiru kana dhaabuuf yaaliin Habashaa fi leellistooti Habashaa godhan ummata Oromoo daran jabeessee qabsootti kaasaa fi galchaa jira. Kun immoo Oromoon otuu nagaa fi bilisummaa isaa hin mirkaneeffatiin qabsoo dhiisee akka hin taanye fageessee mul’isaa jira. Waliigalteen warra ODF fi leellsitoota Habashaa gidduutti ta’e immoo faallaa kaayyoo Oromoo ti; fedhii fi murannoo Oromoon nagaa fi bilisumama Oromoof qabu kan ugguruu dha. Kanaaf, waliigalteen kaayyoo Oromoo dabsu kun abadan hojii irraa ooluuf hin jiraatu.

Aadaan Oromoo aadaa dhugaa irratti ijaarame malee aadaa kijibaan ijaaramee miti. Ummati Oromoo seeraa fi aadaa akka ilmoo isaaniitti jaalatu. Oromoon aadaa fi seera dabasuu irra ofii yoo wareegame filata. Ilaalchi kun amma illee bakka hedduutti jabaatee eegamaa jira. Sababa kanaan Oromoon warra aadaa fi seeraaf kabajaa hin qabne waliin walta’ee jiraachuu hin danda’u; kan haga ammaatti akak walihintaane godhes addaddummaadhuma kana ture. Warri Habashaa amala jiraanya isaanii irraa ka’anii aadaa fi seera faayidaa dinagdee qofaaf fayyadamu. Ummati Oromoo immoo aadaa fi seeraa qaama jiruu fi jireenyaa godgatee ittiin bulaa jira. Kanaaf, ummati Oromoo  warra aadaa fi seera dantaa dinagdee qofaaf barbaadan waliin otuu wal hin taane haga yoonaa ture. Ammas haalli kun wana jijjiiramee miti. Kana yoo jedhamu, namooti muraasti Oromoo keessaa bahanii ardaa aadaa fi seera buburree keessatti hinmakamne jechuuf miti; amala habashummaas kanneen dhaalan hin jiran jechuus miti. Haata’uutii, lakkoofsi namoota akkanaa hedduu xiiqqoo dha. Sababa kanaan, amalli isaanii ummata Oromoo guddicha dhuunfachuu hin danda’u.

Gama biraan, aadaan morkitoota Oromoo, keessayyuu kan warra Habashaa kan magaalaa keessaa maddee dha. Aadaan magaalaa aadaa bubburree gabaan walitti yaatee uumtee dha; aadaa dinagdee fi daldala irratti hundaa’uu waan ta’eef yeroo yeroon jijjiirama. As irratti ummati Habashaa biyya isaanii keessa jiraatan garuu aadaa fi seera dhugaa hin qaban jechuu miti. Habashoonni biyya Oromoo keessa qubatanii jiran immoo hedduun isaanii magaalaa keessa waan jiraniif aadaa magaalaa kan aadaa Oromoon wal hin dhugneeen dhuunfatamanii jiru. Aadaan akkasii aadaa dinagdee fi daldalaa waan ta’eef haala gabaa irratti hundaa’ a. Kun immoo ummata Oromoo biratti fudhatama hin qabu. Sababa kanaan waliigalteen yeroo ammaa warraa ODF fi warra leellistoota Habashaa gidduutti ta’e, hojii irra ooluu hin danda’u. ‘Tarii, warri ODF kunneen amala daldaltummaa yoo qabaatan hoo?’ gaaffiin jedhu ka’uu mala. Kun yoo ta’e, waliigaltichi isaanii fi warra leellistoota Habashaa gidduutti hojiirra ooluu mala ta’a. Warri ODF immoo Oromoo dha. Kana waan ta’eef,  amala daldaltummaa uffatanii dhiyaatanis, kan isanaii godhachuutti ni rakkatu. Amalichi itti fakkeessuuf malee amala isaanii dhugaa waan hin taaneef bakka hawwame hin gahu; amalli fakkeessaa waanuma xiqqoon diigama. Kanaaf, waliigalteen qaamota aadaa fi seera addaddaa qaban gidduutti ta’e kun walitti dhufuuf malee waliin deemuu waan hin dandeenyeef hin milkaa’u.

Tarii warri ODF hawwii mootummaa Wayyaanee kuffisuu qaban irraa ka’anii akkk waliigalteen sun hojjatu barbaadu ta’a. Tarii warri ODF waan dulloomaniif dafanii gara biyyaatti deebi’uu barbaadus ta’a. Garuu gara biyyaatti deebi’uuf, warra Habashaa waliin hidhachuun waan isaan barbaachisu miti. Habashaattis ta’ee Wayyaaneetti harka kennnachuun harka kennachuudhuma; addaddummaa hin qabaatu. Yoo fedhiin isaanii wayyaaneen akka daftee kuftu barbaaduu irraa ta’e waan badaa miti; garuu waan hin hojjanneef malee. Yoo biyyatti galuuf ariifatanii ta’e immoo otuu callisanii wayyaanumatti harka kennatanii galanii isaaniif wayya. Ammatti waanti ifatti mul’atu, bulee illee beekamu, waliigalteen warra Habashaa leellisan waliin taasifamu kamuu, haala amma jiruun gaaffii Oromoof furmaata hin ta’u. Sababa kanaan waliigaltichi kanuma qilleensa irratti rarra’ee hafu ta’a. Hireen itti milkaa’u garuu cufaa miti. Sun waan lama irratti hundaa’aa. Innis, tokkoffaa, leellistooti Habashaa ijjannoo isaanii jijjiirratanii gaaffii Oromoo yoo fudhatan milkaa’uu danda’a. Lammaffaa, yoo Oromoon garbummaa filatee gaaffii fi yaada leellistoota Habashaa fudhates milkaa’uu danada’a. Kun garuu waan hin fakkaanne; rakkoo bu’uuraas waan hin hiikneef waliigaltichi otuma hojii irra oolee iyyuu dadhabbii malee gatii hin qabaatu.